Jajjabaadhaa
Hunda dura nagaan kiyya kabajaa isiin haa gahu jechaa wagggaa haarawaa 2007 ilaalchisuun qophi kaleessa galgala qopheessitan irratti qophi kana kan kanaan duraa irraa maaltu adda isa taasise?....waan foyyahe maaltu jira?...kan gara fulduraatti sirraahu qabu maalfaa?........ka jeedhu irratti yaada keennachun feedha.
Waligala qophi kanaa akka Oromoo tokkootti yeroon ilaalu koreen qindeessitu kanaa haarka caaluun milkaahera jeechu nan danda'a.Kanaafu koreen qindeessituus ta'e koreen waligala a Hawaasa Oromo naannoo DC kabaja guddaa qabdu.Qabxi tokko tokkoo kaase yoon ilaale.........
1) Tikeeta lafa jala stora gara-garaa kaahuun akka gurguramu taasisuun namoonni lafa jala akka qophaahan ni taasise.
2) Irra caalaatti beeksisni isaa sab-qunnamti qabnuun dursame daddabalame himamuun isaa namoonni akka hawwi guddaan eeggatan ni taasise.
3) Eergaan karaa obboo Alamaayyo darbe baayyee gahaa fi gabaabaa ture.
4) Gali maddisisuuf caal baasi ta'u dhisuun isaa namoonni bashannanaaf akka yeroo gahaa argatani taasise ture.......kanaaf kan kana fakkaatan qophi kaleessaa midhagaa,bareedaa akkasumas kan qalbi namaa haawwatu akka ta'u isa taasiseera.Kanaafu namoonnii yeroo,humna akkasumas beekumsa keessan arsaa gochuun qophi kana qopheessitan hundi baga gammaddan.
Kun kanaan osoo jiru kan bara darbani irraa kan hin fooyyoofne yoo jiraate waa'e kabajama sa'a dha.Yeroo heeddu sagantaa akkasi sa'a je'ame irraa late goone yoo jalqabuun ka itti fufu ta'e Hawaasni keenyi sa'a jalqaba sagantaa beeksisame dagachuun dubatti harkisachu akkanni aadeefatu karaa banaaf.Kanaaf waa'een kabajamu yeroo osoo ammalle itti yaadame gaari dha.
Dhuma irratti artistoonni gara fulduraa qophi walfakkaataa irratti ummata isaani bashannansisf dhufan osoo waltajji hin yaabbatiin akka Qamar galgalaa haala baayye qindaaheen osoo qophaahan baayyee gaari dha.
Ammas dabaluun Koreen qindeessitu galata guddaa qabdu...galanni keessan Bilisummaa haa ta'u jeechaa jajjabina keenya tiksachaa,dadhabina keenya sirreeffachaa bara dhufuuf qophi kana caalaa Hawaasa keenya tokko taasisu akka qopheessu dandeenyu abdi guddaan qaba.Barri haarawaa bara tokkuummaan oromoo caalaa tti dagaage bilisummaa keenyatti nu tarkaanfachisu Waaqni Oromoo nuuf haa taasisu.
Galatoomaa.
(feedback2: from a participant)
PS: Views expressed in terms of feedback are solely that of the author and does not necessarely reflect that of the OCO board.